Fakkeenyummaa, hawasaaf, hawaasa waliin jiraachuu, hirmaachuu!

Abbaan qabeenya hoteela fi Rizoortii Pyraamiid obbo Daani’eel Asefa fi hogganaa dhabbatiicha kan ta’an obbo Aleeks Midhaksoo, hojjetoota isaanii fi komishiinii Tuurizimii Bishooftuu waliin ta’un naannoo ikoo-tuurizimii haroo bishooftuutti biqiltuuwwaan nyaataaf oolaan fi gosa adda addaa heddumminaan dhaabbammee jira.
Biqiiltuuwwan dhabatan kun wabii nyaata mirkaneessuu irraa darbee egumsaa ikoo-tuurizimiif gumaachii inni qabuu guda dha.
Dhabbanni kun dabalatan guyyaa har’a ijoollee abbaa fi haadhaa hin qabneef laaqana nyaachiisuun gocha gaaarummaa cimaa fi miira itti gaafatamumma hawaasummaaf qaban agarsiisanii jiru